ONM-ABO Sadaasa 25, 2025
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Gullisoo ganda Maaruu keessatti Sadaasa 24, 2025 waraanni PP namoota maqaan isaanii:
- Boonaa Imaanaa,
- Obsii Karrasaa fi
nama kan biraa tokko jalaa qabeenya isaanii kan ta’e doqdoqqee sadii qabuun ibiddaan gubanii barbadeessuu maddeen keenya bakkichaa ONMtti dubbatan.
Waraanni PP irra deddeebiin qabeenya uummatni dadhabbii yeroo dheeraan booda argate jala saamuun kaan immoo ibiddaan gubani balleessun uummaticha jireenya gadaadoo fi hiyyummaa hamaaf saaxila jiraachuun maddeen keenya itti dabaluun OMNtti himan.
Murni Bilxigginna waraana namuusa waraanumma fi naatoo namummaa tasuma of keessa hin qabne uummata nagaa irratti bobbasuun ajjeecha sukkanneessaa, gudeedda, hidhaa, saamicha fi gubaati qabeenya hedduu raawwachaa jiraachuun ni yaadatama.

