• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Shaggar aanaa Boosat keessatti murni Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa hidhuun dararuu fi reebuu jabeessanii itti fufan

Nov 25, 2025

ONM-ABO Sadaasa 25, 2025 

Godina Baha Shaggar aanaa Boosat gandoota garaagaraa keessatti murni Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa hidhuun dararuu fi reebuu jabeessanii akka itti fufan jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himan.

Akkaatuma guyyaa olitti eerame kanaan ganda Saaraaf araddaa jedhamutti loltoonnii fi jaleen Bilxiginnaa kaayyoo jiraataniif hin beekne namoota shan maqaan isaanii:

  1. Yaadaa Burqaa,
  2. Addoo Huseen,
  3.  Warquu Nagawoo,
  4.   Diittaa Warjii fi
  5.  Lammaa Gugsaa 

jedhaman mana isaaniitti dhaquun namoota siyaasarraa walaba ta’anii jiruu mataa isaanii geggeeffatan sababa tokko malee “isin maatii qabsaa’otaati” ittiin jechuun qabanii mana hidhaa Bofaatti geessuun waan isaan quba hin qabneen dararaa akka jiran jiraattonni gandichaa ONMtti himaniiru.

Ittuma fufuun jiraataadhuma ganda kanaa kan WBO waliin quba hin qabaanne maqaan isaa Guddataa Tafarii jedhamu kan jireenya mataa isaa ifaajuun jiraatu “ati WBO’f nyaata dhiyeessita” ittiin jechuun waan dhugaa irraa fagaate sababa tokko malee reebanii akka deeman jiraattonni gandichaa Kun mirkaneessaniiru.

Kana malees aanaama kana ganda Qacaacullee Gujaa bakka addaa qaraaruutti namoota sadii maqaan isaanii:

  1. Dhaabaa Erbaa,
  2.  Dararaa Raagoo fi
  3.  Aadde Warqii Gadaa 

kanneen jedhaman ijoollee keessantu bosona jira waan ta’eef dafaa fidaa ittiin jechuudhaan humnaan qabanii mana hidhaa magaalaa Bofaatti hidhuudhaan dararaa akka jiran jiraattonni gandichaa ifoomsaniiru. 

Aadde Warqii Gadaa maanguddoo ganna saddeettamaa sababa dullumaaf ofiifuu ulee qabatanii manaa gadi ba’an waraanni maal akka ta’e kan quba hin qabne sababa tokko malee maatii qabsaa’aa waan ta’aniif hidhamuu isaanii jiraattonni ni dubbatu. 

Ittuma fufuun ganda Nuuraa Heeraa magaalaa Booleetti ajaja loltoota PPtiin dirqamaan uummata walitti qabuun bulchaa ganda Qaawwaa Haraa Mirqasaa kan ta’e Aliyyii Roobaatiin “ammuma maatii qabsaa’otaa walitti guuri turraan qawween mataa keessa si buusa” ittiin jedhee dhaadachuun battalummatti namoota ja’a ammatti maqaa isaanii kan arganne: 

  1. Jamaal Xosee fi 
  2. Gannaa Abbittii 

jedhaman hidhanii dararaa jiraachuu keessa beektonni ONM’f addeessaniiru.

Bilxiginnaan WBO’n balleessa jechuun namoota nagaa tuttuqaa siyaasaa hin qabne jumlaan ajjeesaa kaan immoo hidhuu fi reebuun sababa tokko malee dirooniin irra marsuu fi mana uummata nagaa gubanii barbadeessaa akka jiran  ifatti ni mul’ata.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading