ONM-ABO Sadaasa 25, 2025
Waraanni gabroomfataa PP miira naasuu tokko malee ilmaan Oromoo dacheerraa duguuguuf hojjjatan godina Gujii Bahaa aanaa Soraa ganda Raayyaa-Booddaa bakka Quunnoo Ambulootti bosonni naannichaa abbaa qabeenyaaf kennamuun wal qabatee uummatni gaaffii mirgaa gaafachuun gocha kana waan mormaniif qofa yakka tokko malee jumlaan hidhuu, ajjeesuu fi dararaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan
Bifuma kanaanis kaleessa gaafa Sadaasa 24, 2025 namoota ajjeefamaniin cinatti qabamuun kanneen hidhaman maqaan isaanii:
- Taganyii Haayilee,
- Baqqalaa Aduulaa,
- Yohaanis Magashaa,
- Ayyaalaa Goobaana,
- Fiqiruu Warrasaa,
- Samu’eel Gadaa,
- Maatoos Goodana,
- Dukkallee Magaashaa,
- Marqoos Damisee,
- Udoo Guduree,
- Ximootiwoos Mangashaa,
- Tasamaa Bulushee,
- Waree Ayya’aa,
- Waaqoo udoo,
- Hayiluu Gadaachoo,
- Yooseef Gudurree,
- Irgaa Guduree fi
kanneen hammaaf maqaan isaanii nun qaqqabiin jiru hedduu gara jabina jabaan erga reebicha qaama isaanii laaffisu irraan ga’aniin booda mana dararaa isaaniitti darbachuu jiraattonni araddichaa dubbatu.
Akka jiraattonni araddichaa jedhanitti waraanni kunneen, gochoota gara jabinaan guutameen uummata maqaalee adda addaan ajjeesuun, saamuu fi dararuun haaraa kan hin taane ta’uu fi qaamota farra nageenya uummataa ta’aniin ilmaan keenya jumlaan hidhaatti guuraa jiraachuun bifa addaan jabaatee akka itti fufee jiru eeran.
Ergama gooftaa isaanii koloneel Abiy Ahmed n fudhachuudhaan Oromiyaa keessa kanneen bobbaafaman waraanni dantaa dhuunfaa isaanii qofa guuttachuurratti xiyyeefatan kunneen uummata Oromoo daa’imman kichuurraa kaasee hanga maanguddoota dadhabootti safeeffannaa tokko malee mancaasaa, qabeenya uummatichaa saamaa fi dargaggoota hidhuun dararaa akka turanii fi hammas akka itti jiran irra deddeebiin gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.




