• Tue. Apr 28th, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaatti lukkeelee PP’n hidhaa fi reebichi namoota nagaa irratti geggeeffamu cimee itti fufe

Nov 25, 2025

ONM-ABO Sadaasa 25, 2025 

Hawaasa nagaa hidhuu, ajjeeauu, saamuu, buqqisuu, reebuu fi hiraarsuu akka tooftaa umrii aangoo gooftaa isaanii Koloneel Abiy dheeressuutti kan fudhatanii fi amanan, ergamtootni murna faashistii PP, godina Walloo aanaa Daawaa Caffaatti namoota nagaa jumlaan hidhaatti darbachaa jiraachuun himame. 

Sadaasa 23, 2025 lukkeeleen Bilxiginnaa aanaa Daawaa Caffaa magaalaa Qalloo irraa qonnaan bulaaf abbaa maatii nama maqaan isaa: 

  1. Kadir Arab jedhamu maqaa ilma keetu bosona jira jedhuun badii tokko malee qabanii hidhaatti kan darbatan yemmuu ta’u, 

guyyuma kana aanichumatti magaalaa Qalloo cinatti kan argamtu ganda Odaa Garaadoo irraa ammoo jaarsa biyyaa maqaan isaanii: 

  1. Obbo Adoosii Usmaan jedhamuu fi ilma obboleessa isaa kan ta’e 
  2. dargaggoo Ahimadooyyaa Asoobii jedhamu qabanii hidhuun ifoomeera.

Maanguddoo biyyaa ganda Odaa irraa qabame Obbo Adoosii jedhamu kana ilmaan kee nama lama dhimmaaf barbaanna isaan dafii nuuf dhiyeessi isan fiddu malee hin baatu ittiin jechuun dararaa kan jiran ta’uu fi wayita inni ilmaan koo isin barbaaddan lamaan daa’immani homaayyuu hin beekan, yakka dalaganis hin qaban, garuu ooyruu keessa jimaa dhaabaa jiru, akka waan iddoo biroo jiranii hin fakkeessinaa deemtanii ilaaluu fi qorachuus dandeessu jedhee itti himuuf yaalus hanga ammaatti osoo gadi isa hin lakkisin hidhanii doorsisaa jiraachuun eerameera.

Namoonni nagaan maqaan isaanii olitti caqafaman lukkeelee murna gabroomfataa Bilxiginnaan qabamuun aanaa Daawaa Caffaatti hidhaman kun martuu addatti badii seeraa dalaganii osoo hin taane caasaalee PP’n sababni ga’aa hin taane adda addaa itti maxxanfamuun Oromummaa isaanii qofaaf hidhamanii dararamaa akka jiran jiraattotni ona Daawaa Caffaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading