• Sat. Jun 6th, 2026

Godina Lixa Shaggar aanaa Dirree Incinnii keessatti waraanni PP ajjeecha uummata nagaa irratti raawwatu itti fufe‎

Nov 25, 2025

ONM-ABO Sadaasa 25, 2025 

Godina Lixa Shaggar aanaa Dirree Incinnii ganda Qorroo Qarsaatti Sadaasa 24, 2025 waraanni PP dargaggoo maqaan isa Dalasaa Tarrafaa Dhaabasaa jedhamu yakka tokko malee sababa Orommummaa isa qofaaf rasaasa itti  roobsun ajjeessanii deemu maddeen keenya bakkicha ONMtti himan.

Gareen badii naasuu tokko illee dhala namaaf hin qabne kun baruma kana keessa obboleessa angaafa dargaggoo kana ajjeessuun qe’ee maatii kanatti yeroo lammaffaaf gadda owwisuun gara jabumma waraana fi sirna abbaa irree kana argiisisa jechuun OMNtti dubbataniiru.

Murni maqaa mootummaa jechuun of waamu waggoota saddeetiif barcuma aangoo siyaasaa of harka qabu kufaatii  sirna irra of baraaruuf jecha gochawwan sukkanneessoo guyyaa gara guyyaatti uummata nagaa irratti keessayyuu namoota hubatoo fi ol adeemtota irratti xiyyeefate jabeessee itti fufuun isaa gabaafamaa turuun ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading