• Sun. Apr 26th, 2026

Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessatti haadha daa’ima baatii 8 hidhaatti erga darbatanii booda manas jalaa barbadeessuun dhaga’ame

Nov 25, 2025

ONM-ABO Sadaasa 25, 2025 

Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Baqalee Girrisaa iddoo addaa Luuccaa jedhamuun beekamutti Sadaasa 24, 2025 waraanni Bilxiginnaa maqaa sakatta’insa WBO jedhuun magaalaa Maqii keessaa gara gandichaati bobba’uun haadha daa’ima baatii 8ti kan maqaan ishee:

  1. Gurree Tufaa jedhamtu

akkasumas abbaaf intala kanneen ta’an: 

  1. Obbo Boonsaa Jaarsoo fi 
  2. Shamarree Gaaddisee Boonsaa 

kanneen jedhaman waliin Sadaasa 22, 2025 hidhaatti darbatamuu isiniif gabaasnee turre.

Akkuma kanaan gaafa Sadaasa 24 Aadde Gurreen kan daa’ima waliin waajjira poolisii magaalaa Maqii keessatti daa’imni harkatti dhukubaaf saaxilamaa jiru xiqqaannaan mana jireenyaa ishees meeshaalee mana keessaa waliin jalaa bittinneessuun abbaa warraa ishee Obbo Xannaa Ayyalaa immoo reebicha hamaa irratti raawwachuun ibsameera.

Akkasumas nama maqaan isaa Obbo Abulee Bobbee jedhamu immoo Qamadii kiilogiraama 150 jalaa fudhachuun gara magaalaa Maqii geessanii gurgurachuu jiraattonni gandichaa itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Koloneel Abiy Ahimed Itoophiyaan mirga nama kabachisuun sadarkaa olaanaa irra jirti, nagaan jira, nageenyi kan dha jechuun miidiyaalee fi waltajjiilee  hirmaatu irratti qaanii malee sobaa isa baratamaa mimiidhaksee dubbatus, dhugaan lafarra jiru garuu lubbuun ilmaan namaa hanga lubbuu bineensa bosonaa hanqatee galaafatamaa jiraachuun haqa eenyumtuu haaluu hin dandeenyeedha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading