• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Zuwaay Dugdaa keessatti loltootni Bilxiginnaa dargaggoo umurii 18 tokko ajjeesuun dhaga’ame

Dec 6, 2025

ONM-ABO Muddee 5, 2025 

Godina Arsii Bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa ganda Adaree Leephoo jedhamu keessatti araada dhiiga qulqulluu dhagalaasuu kan qaban loltootni impaayera Itoophiyaa Muddee 4, 2025 dargaggoo umrii 18 maqaan isaa Abbaatee Jaallatoo Badhaasoo jedhamu maatii isaa biraa qabuun Waraana Bilisummaa Oromoo argitee jedhanii yoo gaafatan, hin argine jedhee waan deebise qofaaf rasaasaan adda isaa keessa rukutuun ajjeessanii deemuu jiraattonni ibsaniiru. 

Dargaggoon kun nama siyaasa kamiyyuu hin hordofne yoo ta’u, hawaasa naannoo biratti dargaggoo akkaan jaallatamaa fi bakka guddaa ga’a jedhee hawaasni abdatu ta’uu fi waan inni hin beekne gaafatanii yeroo inni dhuga’amaa jiru deebisutti rasaasaan ija  keenya duratti ajjeesanii hin boo’inaa nuun jechuunis nu doorsisaa turan jechuun jiraattotni naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsaniiru.

Akka jiraattonni jedhanitti loltoonni kunneen yeroo ganda kana dhufan hunda nama nagaa reebuu fi hidhuu akkasumas qabeenya hedduu saamaa kan turan yoo ta’u, guyyaa ajjeechaa kana raawwatanis akkuma bartee isaanii namoota hedduu reebaa kan turanii fi qabeenya hedduu saamanii kan deeman ta’uu dubbataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading