• Tue. Jan 13th, 2026

Waliigaltee nagaa Tiraamp gidduu galeessa godhatee taasifame sa’aatii muraasa booda Rippaabilika Diimokiraatawaa Koongoo keessatti lolli ka’e

Dec 6, 2025

ONM-ABO Muddee 6, 2025 

Baha Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo (DRC) keessatti lolli kan ka’e yoo ta’u, prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp hoggantoota DRC fi Ruwaandaa Waashingitan keessatti keessummeessuun waliigaltee haaraa naannoo albuudaan badhaadhe keessatti waggootaaf taasifamaa ture xumuruuf kaayyeffate mallatteessanii guyyaa tokko booda.

Pirezidaantiin DRC Feliks Tishisekedi fi kan Ruwaandaa Pool Kagame Kamisa darbe waliigaltee Ameerikaan jiddu galeessa ta’uun ji’a Waxabajjii keessa irra ga’ameef biyya bal’aa kana tasgabbeessuu fi invastimantii albuudaa warra dhihaa dabalataaf karaa banuuf waadaa galaniiru.

Bulchiinsi isaanii waldhabdee addunyaa guutuutti walduraa duubaan uumame keessa kan seene Tiraamp, ”waraana waggoota kurnaniif deemaa ture furuutti jirra,” jedhan.

Lafa irratti garuu Jimaata kaleessaa lolli cimaan itti fufee kan ture yoo ta’u, gareewwan waraanaa wal komachaa turan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading