• Sat. Mar 14th, 2026

Afrikaa Kibbaatti dhukaasa banameen daa’ima xiqqaa dabalatee namoonni 12 du’uu  Poolisiin ibse

Dec 7, 2025

ONM-ABO Muddee 7, 2025 

Namoonni qawwee qaban, mana dhugaatii naannoo magaalaa Piritooriyaa Afrikaa Kibbaatti argamutti dhukaasa jumlaa raawwataniin, daa’ima waggaa sadii dabalatee yoo xiqqaate namoota 12 ajjeesuu poolisiin beeksiseera.

Dubbi himtuun Tajaajila Poolisii Afrikaa Kibbaa (SAPS) Atleendaa Matee Sanbataa kaleessa akka mirkaneessitetti, walumaa galatti namoonni 25 mana dhugaatii magaalaa Sawulsvilee, Piritooriyaa irraa gara dhihaatti 18km fagaattee argamtu keessatti rasaasaan rukutamuu fi namoonni 14 gara hospitaalaatti geeffamuu isaanii ibsaniiru.

Poolisiin akka jedhetti, namoota dhukaasa kanaan du’an keessaa daa’imman umriin isaanii hin geenye sadii, daa’ima ganna sadii, mucaa ganna 12 fi intala ganna 16 dabalateeti.

Afrikaan Kibbaa, biyyi ardii kanaa industirii guddaa qabdu, yakka hidda gadi fageeffatee fi malaammaltummaa networkii gurmaa’een geggeeffamu waliin wal’aansoo qabaa jirti.

Biyyattiin addunyaa irratti ajjeechaa olaanaa kan qabdu yoo ta’u, saamichaa fi jeequmsa namoota rakkisoo ta’an keessummeessuun Ebla hanga Fulbaanaa gidduutti guyyaa guyyaan namoonni gara 63 ta’an akka ajjeefaman ragaan poolisii ni mul’isa jechuun Al Jazeeraan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading