ONM-ABO Muddee 16, 2025
Godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuu ganda Guddina Jireenyaa (Booqaa) jedhamuun waamamtu keessaa Muddee 14, 2025 shiftoonni murna gabroomfataa PP’n hidhachiifamanii aanicha keessa bobbaafaman finxaaleyyiin maqaa “Faannoo”jedhuun of waaman uummata Oromoo gandichaa irratti dhukaasa meeshaalee gurguddaan deggerameen lola bananiin uummata qe’ee fi qabeenyarraa buqqisuu jiraattonni araddaa isaanii irraa shiftoota kanneeniin godaanaan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka jiraattonni achirraa buqqaasifaman kanneen yaada isaanii ONM’f qoodan jedhanitti, kanaan durallee irra deddeebiidhaan qabeenyi keenya ibiddaan mancaafamaa, gariin ammoo saamamaa, lubbuun ilmaan Oromoo hedduus ajjeefamaa turuu ibsuun sanaaf qaamni nuuf birmate tokkollee hin jiru, dhiigni keenya dhangala’ee, lubbuun danuun badee gumaa malee hafe, waraanni gabroomfataa PP maqaa nagaa eegsisuun bobbaafamanis shiftoota kanneen nurraa qolachuu osoo hin taane, maqaa “WBO waliin hariiroo qabdu”jedhuun uummata nagaa dhorkaa turuu fi jiraachuu isaanii dubbatu.
Murni gabroomfataa PP shiftoota kanneen hidhachiisuun nutti bobbaasuu isaaf “osoo isaan nutti roorrisanii isaaniin cinatti dhiisuun Oromoota finxaalessaa Faannoo ofirraa qolachuuf meeshaa hidhatan irraa meeshaa hiikuu, yeroo shiftoonni kunneen dhukaasaa dhufan ammoo uummata harka duwwaa lolatti gatuun bakka qubsuma isaanii lakkisanii ba’uu fi kanneen biroo ragaa qabatamaa harka wal keessaa qabaachuu diinota Oromoo gama lamaaniiti jechuun jiraattonni miira gaddaan guutameen rakkoo naannichaa ibsu.
Finxaaleyyiin deggersa murna Bilxiginnaan ijaaramanii, dhiyeessii meeshaalee waraanaa sirnicharraa argachuun daangaa Oromiyaa cabsanii seenanii bakkeewwan akka Guutoo Giddaa, Limmuu Galiilaa, Kiiramuu, Abee Dongooroo, Sibuu Siree, Giddaa Ayyaanaa, Jaardagaa Jaartee, Amuruu fi Kaaba Shaggar Dharraa keessatti gochawwan badii safeeffata hin qabne isaan uummata irratti raawwatan faana dhahuun irra deddeebiin isiniif gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.



