ONM-ABO Muddee 17, 2025
Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Shuubii Gamoo keessatti Muddee 14, 2025 waraanni gabroomfataa PP maqaa “sakattaa WBO waliin deemna”jedhuun dirqama hin ilaallannetti uummata dirqisiisuu fi uummata walitti qabuun saamicha maqaan isaa hin beekamneen nama tokkicha irraa maallaqa 3500 dirqamaan guuraa turuu jiraattonni ONM’f addeessanii jiru.
Namoota “isintu meeshaa waraanaa qaba, deemaatii lolaa, nuti harka qullaa deemnee dhumuu hin barbaannu, akkasumas maallaqa jedhame kana sababa kafalluuf hanga hin barretti waan kafallu hin qabnu”jechuun diddaa agarsiisan ammoo hidhanii dararaa jiraachuu odeessi gamasii nu qaqqabe ni mul’isa.
Tibba darbe waraanni gabroomfataa PP aanichatti maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu, isintu nyaata kennaaf” jedhuun dhukaasa meeshaalee gurguddaa kanneen akka Bireena, Dishqaa, Moortaraa fi kanneen biroon deggerameen qe’ee uummataa mancaasaa turuu isaanii isiniif gabaasnee turuun keenya kan yaadatamu yoo ta’u, tibbana ammoo uummata gara laafina malee meeshaa gurguddaan rukutaa turaniin “waliin deemnee sakattaa WBO taasifna” jechuun uummata bor gara jabinaan balleessuuf deeman har’ammoo dirqamaan dhaaba isa bakka bu’e falmatti jiru, harka qullaa deemee akka sakatta’uuf dirqisiisaa jiraachuu jiraattonni dabaluun himu.
Hammeenyummaan badhaadhanii, gara jabina uummata keessaa dhalatan irratti shaakaluu bartee kan taasifatan sirni bututaan Bilxiginnaa, shira qindoomina qabuun kumootaan qe’ee fi qabeenya irraa buqqisuun, maqaa nageenya eegsisuun’ ammoo ergamtoota isaa guutuu Oromiyaa keessa bobbaaseen nagaa uummata Oromoo mulqee jiraachuun isaa dhugaa mul’ataadha.



