• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Gullisoo keessatti hidhaan uummata nagaa irratti waraana Bilxiginnaan raawwatamu daran jabachuun dhaga’ame

Dec 17, 2025

‎

ONM-ABO Muddee 17, 2025 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Gullisoo ganda Badhaas keessatti hidhaattoonni PP nama maqaan isa Abayyaa Baay’isaa jedhamu maqaa hidhata WBO qabda jedhun reebicha hamaa irraan ga’uun qabun torban tokko oliif mana hidhaatti darara jiraachuu maddeen keenya bakkicha ONMtti dubbatan.

‎

Akka jiraattonni jedhanitti manguddoon kun hawaasa biratti kabajaa fi jaalala nama qaban ta’uu fi badii tokko malee mana hidhaa magaalichatti torban tokko oliif dararama jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Murni Bilxigginna gochawwan sukkanneessoo fi farra namoomaa hunduma uummata Oromoo irratti raawwachuun gaaffii abbaa biyyummaa uummatichi gaafate ukkamsuuf yaalus faallaa isaa jibbinsa sanyii fi gara jabeenya isaan uummata Oromoo qaban mul’isuu bira darbee qabsichaa ittu finiinsaa jiraachuun isa ni beekama.

‎

Leave a Reply