ONM-ABO Muddee 17, 2025
Hojjettoonni Itiyoo-Telekom miidhaa ulfaataa irra gahaa jiruuf dhaabbaticha irraa komee qabaachuu Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himan.
Dhaabbanni Itiyoo-Telekom waajjirri isaa olaanaa (head quarter) Finfinnee kutaa magaalaa Laga Haaritti argamuu fi dameewwan isaa naannolee impaayerattii magaalaa keessatti diriirsuun hojjettoota ogummaa garaagaraa Yuunivarsitii fi polii- teekinikii irraa ogummaa adda addaa damee injiinaringii elektirikaalaa, saayinsii compiiteraa, loojistiksii, Ikkoonoomiksii, akkaawuntingii, Seera (law) fi kanneen biroo hafaniin kutaalee ramaddii hojii adda addaa networkingi, kutaa dijiitaalaa (dijiitaalaayizeeshin room), sarara dhaabbataa ( fixed line), tajaajila maamiltootaa ‘ customer survice’, kutaa waamicha sagalee ‘ CRBT ‘ keessatti qindaa’uun hoji bu’aa qabeessa dhaabbatichaaf akkasumas ofii isaaniis galii madaalawaa akka argachaa turan hogganaan muuxannoo yeroo dheeraa dhaabbatichatti kutaa networkii magaalaa Finfinnee Laga Haar waajjira olaanaa keessa hojjetu ONM’f ifoomseera.
Haa ta’u malee akkaataan hojii fi qabiinsi humna namaa ega Bilxiginnaan aangootti dhufee as haala ulfaataa keessa akka jiran hojjettoonni naannolee impaayerattii damee adda addaa keessa hojjetan akkasumas kanneen waajjira wiirtuu irraa hojettan akka ibsaa jiran namni yaada isaa nuuf qoode kun ibse.
Dhaabbatichi hojjettoota ogummaa garaagaraa qaban baay’inaan 16,000 ol akka qabu eeruun kanaanis akka Afrikaattti baay’ina ‘ telecom operator ‘ qabaachuun sadarkaa 2ffaa fi akka idil addunyaatti immoo sadarkaa 17ffaa irratti akka argamu hogganaan tajaajila maamiltootaa magaalaa Finfinnee Nifaas Silkitti argamu eeruun, rakkoolee garaagaraa kanneen akka miindaa gadi bu’aa haala yeroo waliin kan hin tarkaanfanne, rakkoo bulchiinsa gaarii fi kanneen birootiin haala baay’ee ulfaataa keessa jiraachuu isaanii hojjettoonni kutaa adda addaa keessa jiran irra deddeebi’uun cunqursaa keessa akka jiran himachaa jiraachuudubbata.
Kanumaan wal qabatee waggoota jahan darbanitti galii hin madaallee fi deggersa ‘allowance’ kanneen kiraa manaa, geejjibaa fi fayyadamummaa hojjettootaaf oolu biroo irraa addaan kutuun irra jireessi keenya magaalaa keessa waan jiraannuuf baasii mana barnootaa kan daa’immanii, kiraa manaa, bu’uuraalee jireenyaa, ibsaa inumaayyuu qaala’iinsa jireenyaa PP’n uumeen harkaa afaanitti waan nyaannu sadarkaa itti dhabneedha jechuun hojjetaan sarara dhaabbataa ‘fixed line’ irra magaalaa Hawaasaatti networkii diriirsuun muuxannoo qabu ONMtti himeera.
Itti dabaluunis carraa guddinaa fi bakka banaa dorgomnee seenuuf muuxannoo fi dandeettiin osoo hin taane namoota murtaa’een akka wal beekumsaatti fi ilaalcha siyaasaan ‘recommendation’ maqaa jedhuun akka bakka waliif kennaa jiranii fi hojjettoonni gaaffii mirgaa akka hin dhiyeessine afaan luugamuu, adabbiin qaama dhuunfaa ta’een irratti jiguuu, tasa butamuu fi appilikeeshinii basaasaa ‘tele connect’ jedhamu tokkoo tokkoo hojjettootaa irratti hidhuun dhaabbaticha guddisuuf osoo fedhii guddaa qabnuu waan nuti quba hin qabneen nu shakkuun hamilee fi ogummaa keenya nu keessatti ajjeesaa jiru jechuun hojjetaan magaalaa Finfinnee damee Meksiikootti argamu itti dabaluun haala jiru addeesseera.
Dhaabbatichis ergama isaa dhiisuun gara dhaabbata siyaasaatti waan jijjiirames fakkaata jechuun haala kanas caalaatti kan hammeese hoggantuu dhaabbatichaa kan taate Firiihiwoot Taammiruu ta’uu ishii himanii, furmaata hatattamaa nu barbaachisa jechuun yaaddoo guddaa keessa akka jiran ONMtti dabaluun ibsataniiru .




