• Thu. Mar 19th, 2026

Godina Lixa wallagaa Aanaa Gullisoo keessatti waraanni Abiy Ahimad maatii qabsaa’ootaa fi sabboontota jechuun mana dararaatti guuraa jiraachuun ifoome

Dec 23, 2025

ONM-ABO Muddee 23, 2025 

Maqaa Oromummaa jedhuun of waamanii saba oromoo gidiraa hamtuuf saaxilaa kan jiran, murni xiqqaan gochawwan namni keessaa hin qabne itti maxxansuun, abbaa fi ilma akkasumas obboleeyyan irra darbe firoottan keessantu WBO keessa jira jechuun namoota saamaa fi mana jireenya isaaniitii qabanii mana hidhaatti darbachaa jiru.  

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Gullisoo ganda Gaalawoo Teegii jedhamu keessaa Muddee 18, 2025 ergamtoonni impaayera Minilikiif hojjetan mul’ata isaa galmaan ga’uuf waadaa galanii jiran namoota siyaasa qaama kamiiyyuu mormuuf deggeruu keessa hin qabne bakka hojii isaanii keessaa qabuun magaalaa Calliyaa Eekkaa jedhamutti geessanii qorachuun gara aanaa Gullisootti dabarsanii mana dararaa keessa akka buusaan jiraattonni ifoomsaniiru. 

Namoota hidhaman keessaa muraasni maqaan isaanii nu ga’e:

  1. Asaffaa Barkeessaa,
  2. Gammadaa Gaashuu,
  3. Addison Maganaasaa,
  4. Solomoon Waaqjiraa 

kanneen jedhaman badii tokko malee afaan qawween doorsisanii akka hidhaman jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa oromiyaaf eeran. 

Abiy Ahimed rakkoolee isa mudatee jiru jalaa ba’uuf fakkaattota isaa biyya nagaa irra yaasuun barjaa dhara uummatatti maxxansanii namni nagaan biyya isaa keessa akka hin jiraanne gochaa jiraachuun dhugaa mul’atuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading