ONM-ABO Muddee 24, 2025
Godina Baalee Lixaa bulchiinsa magaalaa Dinshoo fi gandoota aanichaa hedduu keessatti Muddee 20, 2025 irraa kaasuun, maqaa gibiraan saamicha daangaa darbe uummata irraan ga’aa jiraachuu jiraattonni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko rakkoo isaan mudatee himan.
Akka jiraattonni jedhanitti, “maqaa gibiraa da’eeffachuun rakkoon nurra ga’aa jiru salphaa miti, gabaa deemneellee waan feene bitannee, akkasumas gurgurannee akka hin galleef karra seensa gabaa irratti waraanni sirna Bilxiginnaa, nu saamaa jira, kanaan durallee saamichi maqaalee akka gibiraa, Inshuraansii fayyaa fi kanneen biroon nurra ga’aa ture salphaa miti”jechuun miira gaddaan guutameen jiraattonni dabaluun dubbatu.
Ergamtoonni impaayera bututaa suphuuf halkanii fi guyyaa boqonnaa malee ifaajan, garaa isaanii qofaaf jiraachuun uummata keessaa dhalatan afaan qawween saamaa, hidhuun dararaa, ukkaamsuun gara mooraa waraanaa impaayerattiitti guuraa fi gariin ammoo ajjeesuun bakka balfaatti gataa turuu isaanii irra deddeebiidhaan isiniif gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.







