ONM-ABO Muddee 25, 2025
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Buree ganda Agaloo Mooqaa iddoo addaa Gabaa Arbii jedhamutti Muddee 23, 2025 irraa eegaluun waraanni PP hawaasa nagaa maqaa hidhata WBO qabduu fi dahoo taataniif jedhuun qe’ee fi qabeenya isaanii irraa humnaan dirqamsiisuun buqqisaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsaniiru.
Waraanni faashistiin PP kun sodaa fi yaaddoo WBO irraa qabaniin uummata Oromoo fi WBO gargar fageessuu tooftaa jedhu baafachuun hawaasa hojii qonnaan jiraatu qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuun beelaa fi hiyyummaa ulfaataaf saaxilaa akka jiranis itti dabaluun addeessaniiru.
Akka jiraattonni jedhanitti godina kana aanoota hedduu keessatti kaadiroonnii fi waraanni murna Bilxigginnaa waliin ta’uun WBO humna qilleensa meesha maleeyyii (drone) fayyadamuun rukunna waan ta’eef waliin rukkutamuu dandeessu sababa ta’eef qe’ee fi qabeenya keessan dhiisaatii godaanaa jechuun erga buqqisanii booda WBO’tu buqqise jechuun karaa miidiyaa fi faarsee bultoota isaatiin olola facaasaa akka jiran dabaluun ibsaniiru.




