• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti qonnaan bulaan tokko hidhattoota Faannoo Amaaraan ajjeefamuun dhaga’ame 

Dec 25, 2025

ONM-ABO Muddee 25, 2025 

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti jiraataa ganda Diimtuu Coqorsoo kan ta’e qonnaan bulaa fi abbaa maatii maqaan isaa Obbo Umar Aliyyii Gulluu jedhamu Muddee 23, 2025 ganama bariin mana isaatii bobbaee hidhattoota finxaaleyyii Amaaraa kanneen maqaa Faannoo jedhamuun of waamaniin ajjeefamee gatamuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa oromiyaaf addeessanii jiru. 

Namni kun ganama barii barraaqaan loowwan isaa yaafatee gara ooyiruu isaatti bobbaafachuun tikfachaa osoo jiruu hidhattoonni kunneen ooyiruu isaa keessatti riphanii eeggachuun rasaasaan rukutanii ajjeesuun ibsameera. 

Kana malees loowwan isaas jalaa ooffachuun qawwee inni saamtota kanneen ittiin ofirraa dhorkuuf bitatee hidhates ajjeesanii irraa hiikkachuu jiraattonni gandichaa dabaluun ifoomsaniiru. 

Uummatni Walloo sabboontota Oromummaa fi aadaa ofiitiin boonanii jiraatan kan shiftoota Faannoo Amaaraa fi uummata Affaariin sababa wal daangessaniif yeroo adda addaatti yakki ajjechaa fi saamichaa irratti raawwachuu irra darbee eenyummaa isaanii harkaa balleessuuf dhagaan gara hin galfamin hin jiru. 

Shiftoota caasaalee Bilxiginnaa waliin harka wal qabatanii qe’ee hawaasaatti duula badii isaanii irratti geggeessuuf itti bobba’an kanaaf immoo uummatichi harka laatee waan hin beekneef falli isaa hidhatanii ofirraa qolachuu qofa ta’uutti amanuun afaan iisaan  dubbataniin deebisaafii jira.

Murni Bilxiginnaa saba Oromoo cabsee eenyummaa isaa harkaa balleessuun eenyummaa habashootaa ol kaasee lafa dhaalchisuuf carraaqaa kan jiru addatti immoo waggoota 3 fi4 kana qofa keessatti saboota daangaa irratti argaman kan akka Somaalee, Affaarii fi Faannoo ijaaruun uummata Oromootti bobbaasee qe’ee isaa keessatti ajjechaa fi saamicha dabalatee gochoota farra namoomaa raawwachiisaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply