ONM-ABO Muddee 26, 2025
Godina Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu ganda Dangee keessatti murni maafiyaa PP gaafa Mudde 20, 2021 ogeessa fayyaa kan ta’e nama maqaan isaa; Abbabee Gonfaa jedhamu qabuun hanga gabaasni kun qindaa’etti bakka buute isaa dhabamsiisuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Ogeessi kunis sababa madoo Waraana Bilisummaa Oromoo yaalta jedhu itti maxxansuun gara jabeeyyiin loltoota murna Bilxiginnaa kanneen eenyummaa fi kabaja ilma namaa mulqan akka ukkaamsanis itti dabaluun ibsaniiru.
Aanicha keessatti namoonni gaaddisa dhalootaa ta’aan ijaa fi gurra uummataa ta’uun tajaajiloota barbaachisoo sabichaaf argamsiisuu keessatti shoora isaanii ba’atan guyyuu yakkamaa ta’uun dhoksaan butamanii ajjeefamaa akka jiranis kan himan jiraattonni, bu’uura kanaanis waa’een ogeessa fayyaa butamee kunis daran isaan yaaddeessaa akka jirus itti dabaluun addeessaniiru.





