• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Gullisootti loltoonni faashistii PP saamicha hawaasa nagaa irratti raawwatan jabeessuun ibsame

Dec 26, 2025

ONM-ABO Muddee 26, 2025 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Gullisoo ganda Badhaa bakka addaa Haroo Baataa jedhamutti Muddee 24, 2025 waraanni murna Bilxiginnaa qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Namoo Raggaasaa jedhamu jalaa loon tokko ooffatanii deemuun mooraa waraana Diillaatti argamuu keessatti qalachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Gareen badii kun dinagdee impaayerattii guutummatti lola sababa aangoo siyaasaa isa tikfachuuf lammiilee isaa waliin taasisaa jiruun daaraa ta’uu hordofee kaadirootaa fi waraana isaaf waan kaffaluu dhabuun tooftaa saamicha baafatee maqaalee garaagaraa itti moggaasuun hawaasa ofiifuu qaala’insi jireenya dararaa jiru qabeenya xiqqaa inni harkaa qabu saamuun tarsiimoo dinagdeen dadhabsisuun harka kennachisaa jedhuu hojiirra oolcha jira jechuun itti dabaluun dubbatu.

Kana malees onicha keessatti gareen badii PP uummata haala qaala’insaan walqabatee jiraachuuf haalli itti ulfaatee jiru maqaa deggersa addaa addaan guyyuu jireenya itti hadheessaa akka jiranii itti dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply