• Sat. Jan 3rd, 2026

Godina Baha Shaggar aanaa Boosat keessatti Waraanni Bilxiginnaa tokko WBO Zoonii Harsadeetti isnaayippera waliin harka kennate 

Dec 26, 2025

ONM-ABO Muddee 26, 2025 

Godina baha Shaggar aanaa Boosat keessatti waraanni faashistii bilxiginnaa tokko WBO Zoonii Harsadeetti isnaayippara waliin harka kennachuun nagayaan WBO tti makamuun isaa ifoome

Waraanni PP godina Baha Shaggar aanaa Boosat buufata waraanaa PP Shaakkisaa kan jedhamu irraa mooraa waraana faashistii Abiy Ahimed ganuun WBOtti harka kennate. 

Gareen faashistii PP ilmaan Oromoo fedhii isaanii malee qabuun leenjii kennaniifii waraana isaan hin ilaallannetti bobbaasuun lubbuu dargaggootaa kanaan barcuma aangoo isaanii kan eeggachaa jiran yoo ta’u, miseensi waraanaa kanneen gochi badii PP kun galeef gocha isaanii kanatti dammaquun keessaa ganaa jiru.

Haala kanaanis ilmi Oromoo mooraan murna maafiyaa PP sirrii akka hin taane hubate kun mooraa waraanaa Shaakisaa keessaa qawwee: 

  • Isnaayippera 1, 
  • raasaasa 108 fi 
  • boombii F1 lama 

mooricha keessa baasee hidhannoo guutuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoottu harka kennee jira. 

Mooraa PP keessa turuutti gaabbuun garee diinummaa uummata Oromoo qabu kana waliin hiriiree uummata kiyyatti dhukaasuu kootti dhiifama gaafadheera jedhe. Simanna isaaf taasifamettis gammaduun ilmaan Oromoo mooraa diinaa keessa taa’anii uummata isaanii irratti miidhaa geggeessaa jiraniin gochi kun isiniif hin ta’uu, yeroon meeshaa fi hidhannoo waliin keessaa ba’aa WBOtti makamaa jechuun dhaamsa dabarseeraafi. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading