• Thu. Mar 19th, 2026

Godina Qellem wallaggaa Aanaa sayyoottii humni waraanaa maafiyaa PP maatii qabsaa’otaa hidhanii dararuu hammeessan 

Dec 27, 2025

ONM-ABO Muddee 27, 2025 

Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Ifa Galaanootti sababa ilma keetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira jedhuun jiraattuu maqaan ishee Aadde Algaanash Daawwit jedhamtu ji’a tokko guutuu hidhaatti dararaa akka jiran jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraattonni jedhanitti harmeen kun mana hiraarsaa sana keessatti baay’ee dhukkubsachaa kan jiran yoo ta’u, ijoolleen isaanii haadha kana yaalchifachuuf mana yaalaatti geeffanna jechuun gaaffii caasaalee murna Bilxiginnaaf kan dhiyyeessan ta’us, eegdonni mooraa sanaa poolisoonni akka didan dubbataniiru.

Kana hordofees hidhamtoonni mooraa keessatti argaman jireenya isaanii gara fuula duraaf yaadda’uu irraan kan ka’e sodaa fi raafama hammaataa keessa akka jiranis itti dabaluun addeessaniiru.

Akka bulchiinsa magaalaa Dambii Doollootti hidhamtootni siyaasaa maqaa deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun ergii hidhamuu qabanii kaasee mooraan waajjira poolisii gonkumaa hir’atee kan hin beekne yoo ta’u, namootni mana hidhaa keessatti nyaata gahaa dhabuu, wal birattti heddummachuu, bishaan qulqulluu dhabuu fi kanneen biroon danqamanii kanneen mooricha keessatti du’an illee akka jiranis  itti dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading