• Mon. Mar 16th, 2026

Humnoonni Mana Maree Ce’umsaa Kibbaa to’annoo babal’isaa yeroo jiranitti Yaman keessatti tasgabbiin akka jiraatu Ameerikaan gaafatte

Dec 27, 2025

ONM-ABO Muddee 27, 2025 

Ameerikaan haala dhiheenya kana kibba baha Yaman keessatti mul’ate irratti yaaddoo ishee ibsuun, humnoonni Mana Maree Ce’umsaa Kibbaa (STC) to’annoo isaanii babal’isaa waan jiraniif, of qabuu fi dippilomaasiin akka itti fufu gaafatteetti.

Ministirri Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoon Jimaata kaleessaa akka jedhanitti, “Ameerikaan taateewwan dhiheenya kana kibba baha Yaman keessatti raawwataman yaaddoo keessa galteetti” jedhan.

“Furmaata waaraa irra ga’uuf yaadamuu, of qabuu fi dippilomaasii itti fufiinsa qabu ni gaafanna.”

Ruubiyoon Sa’uudii Arabiyaa fi Yunaayitid Arab Emireet hoggansa dippilomaasii isaaniif galateeffatanii, Waashingitan tattaaffii fedhii nageenyaa waliinii Yaman keessatti tarkaanfachiisuuf kaayyeffate deggaraa jirti jedhan.

Mudde 3 irraa eegalee humnoonni STC kutaalee bulchiinsa Hadramoyut baha Yaman to’ataniiru.

Guyyaa afur booda loltoonni STC gara bulchiinsa ollaa bahaa Mahraa kan kanaan dura aangoo mootummaa jala turteetti babal’isan.

Haala mudate kanaaf deebii kennuun gareen waraanaa waloo Sa’uudii fi Emiraatota gara magaalaa kibbaa Adenitti ergamuun qophii STC waliin qindeessaniiru.

Galmi isaas akka qondaaltonni jedhanitti humnoonni STC Hadramoyut fi Mahraan alatti bakka duraan turanitti akka deebi’an gochuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading