ONM-ABO Muddee 27, 2025
Israa’el mootuummaa addunyaa irratti Somaalilaandiif sirnaan beekamtii kennite keessaa ishee jalqabaa ta’uun naannoo addaan baatee fi Gaanfa Afrikaatti bu’aa dippilomaasii guddaa galmeessiteetti.
Muummichi ministeeraa Beeniyaamin Netaaniyaahuun Jimaata kaleessaa Israa’elii fi Somaalilaandi labsii waloo hariiroo dippilomaasii guutuu uumuu mallatteessuu isaanii ibsuun, “hafuura Waliigaltee Abrahaam” jechuun kan ibsan yoo ta’u, kunis waliigalteewwan Ameerikaan Israa’elii fi biyyoota Arabaa gidduutti walitti dhufeenya idilee uumuuf gidduu galeessa taasifteedha.
Somaalilaand bara 1991 Somaaliyaa jalaa walabummaa labsitee kan turte yoo ta’u, biyya miseensa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kamirraayyuu beekamtii argachuu hin dandeenye.
Somaaliyaan walabummaa Somaliland fudhattee hin beektu.
Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Abdisalaam Abdii Alii ministeera haajaa alaa Masrii, Turkii fi Jibuutii waliin bilbilaan irratti kan hirmaatan yoo ta’u, yeroo sanatti tokkummaa Somaaliyaa akka deggaran irra deebi’anii ibsaniiru.
Ministeerri Dhimma Alaa Masrii akka jedhetti dippilomaatonni olaanoo biyyoota afran kun walabummaa naannoo tokkoo biyya abbaa biyyummaa qabdu keessatti beekamtii kennuun akkamitti Chaartara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii cabsuun “dursa balaa” akka ta’u irratti mari’ataniiru.
“Kabajni tokkummaa, abbaa biyyummaa fi qulqullina naannoo mootummootaa utubaa bu’uuraa tasgabbii sirna idil-addunyaa waan ta’eef sababa kamiinuu sarbamuu ykn bira darbamuu hin qabu” jedheera ministeerichi.
Netaaniyaahuun Pirezidaantii Somaalilaand Abdirahmaan Mohaammad Abdullaahii maqaa Abdirahmaan Hiroo jedhamuun beekamu bilbila viidiyootiin baga gammaddan jechuun “hoggansaa fi kutannoo tasgabbii fi nagaa dagaagsuuf” qaban faarsuun Israa’eliin akka daawwatan affeeraniiru jechuun Al Jazeeraan gabaaseera.

