ONM-ABO Muddee 27, 2025
Godina Walloo Aanaa Daawaa Caffaa ganda Shaaklaa jedhamutti Muddee 22, 2025 bulchaan gandichaa maqaa “qamadii bonaa ooyruu kee hin facaasne” jedhuun qonnaan bulaa maqaan isaa Mohaammed Nuuraa jedhamu ooyiruu isaa keessatti itti dhaqee rasaasaan miilla isaarra rukutuun badii tokko malee erga madeesseen booda, osoo madoon nama kanaa ulfaataa ta’uu beekuu fi dhiigni qonnaan bulaa kanaa garmalee dhangala’ee cituu diduu mana yaalaa deemee akka maatiin hin wal’aannanne dhorkuun, iddoo inni madaa’ee kaasee miillaan deemsisuun waajjira Poolisiitti hidhee dararaa jiraachuu odeessi ONM’n dhaqqabe ifoomseera.
Akka maddeen aanaa Daawaa Caffaa ganda Shaaklaa jedhanitti, namni gara jabeeyyii lukkee Bilxiginnaa kanaan madaa’e kun nama nagaa, kan hojii qonnaa isaa qofa irratti xiyyeeffachuun jiraatu malee deggaraa paartii dhaaba siyaasaa kamiyyuu akka hin taane ibsuun, bulchaan PP kunis sababa ga’aa hin taaneen nama nagaa kana irratti gochaa sukkanneessaa raawwate jechuun jiraattotni gandichaa balaaleffataniiru.
Qonnaan bulaan ooyiruu isaa irra waan barbaade facaafachuu mirga guutuu kan qabu ta’us, caasaaleen murna Bilxiginnaa wanta isaan hin ilaallanne maratti akkuma titiisaa seenaa oolan, iddoodhuma ga’an cufatti anatu siif beekaa fi kan nuti jenne malee hin ta’u jedhanii addatti uummata Oromoo irratti of tuuluun, kallattii isaaniif danda’ame maraan mirga uummatichaa sarbuun abdii jireenyaa itti dukkaneessaa kan jiran ta’uun ni beekama.

