• Tue. Nov 24th, 2026

Miseensi milishaa PP tokko Lixa Wallaggaa aanaa Hoomaatti WBO’tti harka kennate

Dec 27, 2025

ONM-ABO Muddee 27, 2025 

Miseensi milishaa PP tokko godina Lixa Wallaggaa aanaa Hoomaa keessaa  Muddee 25, 2025 qawwee:  

  • AKM 2 fi 
  • rasaasa 66 fudhachuun 

WBOtti harka kennachuu Ajajaan WBO onichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomse.

Miseensi milishaa duraanii kunis simannaa fi kunuunsa WBO’n taasiseefitti hedduu gammaduun, hiriyyoota isaa mooraa diinaa keessatti hafaniinis sirna impaayera Itoophiyaa cubbamaa dhiiga qulqullootaa dhangalaasuun jiraattu kana keessa jiraattanii lubbu keessan tola balleessuu dhiisaatii yeroon meeshaa fi hidhannoo keessan fudhachuun gara obbola keessan WBOtti makamuun saba keessaniif jiraadhaa jechuun dhaamsa isaa karaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa dabarfatee jira.

Murni Bilxiginnaa yeroo garaagaraatti ilmaan Oromoo afaan qawween uukkaamsuun gara dirree waraanaatti ergaa turuun lola garaagaraa irratti hirmaachisuun ficcisiisaa kan ture yoo ta’u, warreen uukkaamfaman kunneenis bakkoota garaagaraatti obbolaa isaanii WBOtti harka kennachaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply