• Fri. Nov 20th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Magaalaa Naqamteetti daldaltootni sababa gibira deddeebii gaafatamaniif eeyyama daldalaa galchaa jiraachuun beekame

Dec 28, 2025

ONM-ABO Muddee 28, 2025 

Godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee keessaa daldaltootni hojii daldalaa garaagaraa irratti bobba’anii jiran sababa gibira irra deddeebiin waggaatti gibira marsaa afuriif waan gaafatamanii kaffaluu dadhabaniif eyyama daldalaa isaanii galchaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf gabaasan.

Akka jiraattonni himanitti, kaadiroonni mootummaa afaan qawweetti dhimma bahuun gibira humnaa olii akkasumas yeroo isaa hin eegganne daldaltoota irraa funaanuun kisaaraa hamaa keessa daldaltoota waan galchaniif daldaltootni magaalichaa hedduun waan kaffalan dhabuun eeyyama hojii galchaa akka jiran ibsaniiru.

Murni Bilxiginnaa kufaatii dinagdee isa mudate irraa bayyanachuuf gibiraa fi maqaa garaagaraa dhahachuun saamicha bifa adda ta’een gaggeessuun uummata ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabne balaa jireenyaaf saaxiluun egereen hawaasichaa yaaddoo ulfaataa keessa akka galu taasisaa jira.

Leave a Reply