ONM-ABO Muddee 28, 2025
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Noophaa gandoota akka Caaggee, Qaroo Maaramii fi gandoota biroo keessatti waraanni maafiyaa PP yakkoota garaagaraa uummata nagaa irratti raawwachaa jiraachuun ibsameera.
Akka jiraattotni gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti, shamarran maqaan isaanii:
- Kadijjaa Hasan barattuu kutaa 6ffaa,
- Haliimaa Hasan barattuu kutaa 5ffaa fi
- Zabiibaa Tamaam barattuu kutaa 4ffaa
ganda Caaggee kan jiraatan gaafa Muddee 24, 2025 waraanni murna maafiyaa Bilxiginnaa gudeeddaa irratti raawwachuun miidhaa irraan gahanii turuun ibsameera.
Aanichuma ganda Qaroo Maaramii keessattis Muddee 20, 2025 nama maqaan isaa Obbo Malkaamuu Gazzaany jedhamu waraanni PP dirqamaan gara dirree waraanaatti erguuf dirqisiisnaan ilmaan koon guddifadha hin deemu waan jedheef qofa rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuus itti dabaluun ifoomsaniiru.
Akkasumas aanicha gandoota garaagaraa keessaatti waraanni murna Bilxiginnaa uummata nagaa hirmaannaa siyaasaa kamiyyuu hin qabne maqaa garaagaraa itti moggaasuun yakkanii saamicharraa qabee hanga lubbuu obbaasuutti gidirsaa jiraachuun ibsameera.










