ONM-ABO Muddee 28, 2025
Misooma dhugoomsuuf osoo hin taanee hawaasicha saamee hiyyoomsuuf irratti hojjechaa kan jiru koloneel Abiy Ahmed godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu bulchiinsa magaalaa fi gandoota onichaa keessatti Muddee 23, 2025 irraa eegalee saamicha daangaa darbe konkolaachistoota irratti raawwachiisaa jiraachuu jirattoonni onichaa Arraatta Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Onicha keessatti haallii saamichaa daangaa hin qabne geggeeffamaa jiraachuu fi maqaa kaffaltii garaagaraatiin jirattoota saamaa jiraachuu irra darbee konkolachistoota doqdoqqee, baajaajii akkasumas namoota konkolaattoota garaagaraa oofan irratti xiyyeeffachuun doorsisuu, reebuu, hidhuu fi afaan qawwee isaaniitti dhimma ba’uun akka onichatti maallaqa 2000 namoota hunduma irraa saamaa jiraachuu jiraattonni onichaa ifoomsaniru.
Sochiin WBO godinicha keessatti jabaachaa sababa dhufeef namoota konkolaachistoota ta’an kanatu meeshaalee garaagaraa dhi’eessaafii jira shakkii jedhu irraa ka’uun namoota kana irratti dhiibbaa garaagaraa raawwachaa jiraachuu isaanii maddi odeeffannoo kanaa bal’inaan ibseera.
Murni Bilxiginnaa qooda uummataaf nageenyaa fi misooma argamsiisu faalla kanaa gochuun namoota nagaa ajjeesuu, saamuu, qabeenya isaani abiddaan barbadeessuu fi dachee abbaa isaanii irraa godaansisaa jiraachuutu mul’ata.






