• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Matakkal Aanaa Waanbaraatti waraanni murna Bilxiginnaa hawaasa saamuu fi qe’ee irraa buqqisuu cimsanii itti fufuun ibsame 

Dec 28, 2025

ONM-ABO Muddee 28, 2025 

Godina Matakkal Aanaa Waanbaraa ganda Gochor keessatti tibbana waraanni faashistii PP hawaasa nagaa hojii qonnaan jiraatan qe’ee isaanii irraa dirqamaan buqqisuun oomisha isaanii ooyiruu irratti akkuma qotametti qabeenya isaanii waliin qe’ee keessatti facaasuun harka duwwaa magaalaatti godaansisaa jiraachuu jiraataan aanichaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

Akka jiraataan kun jedhutti, Waraana Bilisummaa Oromoo godinicha keessaa balleessuuf akeekni jalqabaa uummata sabaan Oromoo ta’e gandoota baadiyyaa irraa godaansisuu kan jedhuun gandoota hedduu keessaa namoota buqqisaa kan jiran loltoonni murna Bilxiginnaa, haati daa’imman waliin qe’ee irratti badhaatee jiraachaa turte irraa dhiibamuun gadadoof saaxilamaa akka jirtus itti dabaluun addeesseera.

Gareen badii aadaa fi safuu uummata Oromoo hin beekne kun dubartoota tuttuqaa siyaasaa kam irraa bilisa ta’an yakka tokko malee gochawwan farra namoomaa haadha deessee guyyaa sagal hin guutin irratti raawwachuu dabalatee namoota danuu daa’imman waliin godaansisaa akka jiran kan himu jiraataan aanichaa kun, gariin ammoo daa’immanii fi haadha addaan baasuun harma akka hin hoosisnes taasisaa jiru jechuun dubbatu.

‎

Oduu hidhaatiin immoo ganduma kana keessatti daa’ima umriin 10 maqaa isaa Hirphaa Likkaasaa jedhamu hidhuun dirqamaan loon hawaasaa qalatanii shamarranii fi dubartootas qabanii nyaata akka bilcheessaniif dirqisiisanii mooraa isaaniitti geessuun yakka gudeeddaas irraan gahaa akka jiranis kan himan yoo ta’u, kaan ammoo akka isaan milishootatti heerumaniif dirqisiisaa jiraachuunis ibsameera.

Leave a Reply