• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu, Marti fi Siree keessatti loltoonni Bilxiginnaa uummata nagaa hidhuu fi qabeenya saamuu jabeessan

Dec 29, 2025

ONM-ABO Muddee 29, 2025 

Godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu ganda Sooqee Boqichaa iddoo addaa Mindabaraa jedhamu keessaa qonnaan bultoota mana hidhaatti guuruun, mana qonnaan bultoota kanneenis cabsanii saamuun qabeenya hunda konkolaataatti fe’atanii deemuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.

Qonnaan bultoota saamichi irratti raawwate keessaa muraasni maqaa arganne:

  1. Sheek Futuuraa Haaji Hajjii fi
  2. Mayruu Hajjii 

kanneen jedhaman yoo ta’an, Sheek Futuuraa jalaa midhaan kuntaala 30 fi meeshaalee hedduu fudhachuu jiraattotni itti dabaluun ifoomsaniiru.

Haaluma wal fakkaatuun godinichuma aanaa Siree ganda Kolobaa Hawaas iddoo addaa Dhaallicha jedhamutti namoota hedduu jalaa midhaan fe’ataa kan turan yoo ta’u, namoota kanneen keessaa muraasni maqaan nu gahe:

  1. Daamxoo Fayyisaa jalaa kuntaala 6, fi
  2. Abdii Daggafaa jalaa kuntaala 10 

akka fudhatan jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsaniiru.

Dabalataanis godinichuma aanaa Martii ganda Geetaraa Koboree keessatti Muddee 19, 2025 namoota hedduu osoo maatii tokko manatti hin hambisin jumlaan ukkaamsanii mana hidhaatti kan guuran yoo ta’u, namoota kanneen keessaa muraasni maqaan nu qaqqabe:

  1. Sheejk Yaasin Abdallaa,
  2. Hamziyyaa Sheek Yaasiin, 
  3. Daraartuu Sheek Yaasiin, 
  4. Bulloo Sheek Yaasiin,
  5. Atikaa Sheek Yaasiin, 
  6. Muniiraa Sheek Yaasiin, 
  7. Shamsuu Sheek Yaasiin,
  8. Sheek Mahaammadamiin Dafee, 
  9. Caaltuu Sheek Mahammadamiin, 
  10. Leemituu Sheek Mahammadamiin, 
  11. Lataa Sheel Mahammadamiin,
  12. Bashaatuu Sheek Mahammadamiin, 
  13. Jaabiroo Sheek Mahammadamiin, 
  14. Barakaa Sheek Mahammadamiin,
  15. Abdulsalaam Maammoo, 
  16. Tamaam Abdulkariim, 
  17. Abbushaa Sheek Abdallaa fi
  18. Jamaal Abdullaziiz kanneen jedhamaniidha.

Akka jiraattonni jedhanitti namoonni kunneen yakka kam irraayyuu bilisa yommuu ta’an, maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun waan isaan qooda keessaa hin qabne itti maxxansanii hiraarsaa jiraachuun ifoomeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading