ONM-ABO Muddee 29, 2025
Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa gandoota baadiyaa jiran keessatti kaadiroonnii fi waraanni murna Bilxiginnaa wal ta’uun hawaasa dirqamaan wal-ga’ii baasanii tooftaa saamichaa maqaa gibiraan taasisan irratti jabeessuun ibsameera.
Murtee isaanii kananis namni tokko gibira lafaa qarshii 14,060 kaffaluu akka qabuu fi namni qarshii jedhame kana hin kaffalle akka hidhamu akkasumas gatii dadhabbii ykn Kottee waraana keenyaa immoo qarshii 5000 adabama jechuun hawaasa doorsisaa akka jiranis jiraattonni ibsaniiru.
Dabalataanis waraanni faashistii PP kun maatii qabsa’ootaa irratti xiyyeeffachuun ilma keetu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun namoota mana hidhaatti guuraa kan jiran oggaa ta’u, kanneen hidhaa jiranis hidhaa irraa baasuuf qarshii hedduu gaafachaa akka jiranis ibsameera.
Akkasumas hawaasa nagaa jireenya isa malee tuttuqqaa siyaasaa kamirraa bilisa ta’ee maqaa hidhata WBO qabdu fi soorata kennituuf jedhuun jumlaan mana hidhaatti guuruun dararaa hamaa irraatti raawwachaa akka jiran dabaluun ifoomsaniiru.

