ONM-ABO Muddee 29, 2025
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluqitti waraanni naamusa waraanummaa hin qabne kanneen olaantummaa murna tokkoo qofa kabachiisuuf halkanii fi guyyaa uummata nagaa irratti duulan gaafa Muddee 12, 2025 dargaggoota hedduu maqaa hidhata WBO qabdu jedhuun qabanii hidhuun gidirsaa akka jiran jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Bifuma kanaanis ganda Ashayaa Igguu (Gabaa Kamisaa) jedhamu keessaa lukkeeleen PP dargaggoota maqaan isaanii:-
- Abdii Xilahuun,
- Baabbuu Lataa,
- Balaayi Lataa,
- Lalisee Lataa,
- Lammeessaa Baqqalaa,
- Biqilaa Abbabaa,
- Baabbush Amsaaluu fi
- Margaa Baay’isaa
kanneen jedhaman Finca’aatti geessuun hidhanii gidirsaa jiraachuun ibsameera.
Namoonni kunneen manneen barnootaa deemaa osoo jiranii ukkaamfamuun kan hidhaman oggaa ta’u, haala hammaataa keessa seenuun yeroo ammaa hanqina nyaataa fi qulqullina mooraa mana hidhaa keessatti hidhamaniii jiraniin gidirfamaa akka jiranis itti dabaluun addeessaniiru.
Kana malees abbootiin warraa hedduun onicha keessatti sababa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun manneen hidhaatti guuramaa kan jiran yoo ta’u, hidhaa irraa baafamuufis qarshii gurguddaa gaafatamaa jiraachuun ibsameera.


