ONM-ABO Muddee 30, 2025
Godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Fayyisaa bakka Mottee jedhamutti Muddee 28, 2025 waraanni maafiyaan PP ilmaan Oromoo ajjeesuu, gudeeduu, saamuu, qe’ee irraa buqqisuu akkasumas ukkaamsuun kaan ajjeesaa kaan immoo mallaqaa gudda gaafachuu tarsiimoo fi tooftaa siyaasaa godhate jiru murni garboomfataa PP dargaggoo maqaan isa Hiikaa Mul’ataa jedhamu ukkaamsuun achi buute isaa dhabamsiisuun barame.
Akka jiraattoonni jedhanitti dargaggoon kun abbaa daa’ima tokko yoo ta’u, maqaa hidhata WBO qabdaa fi odeessa kennitaaf jedhuun qabuun dhabamsiisanii akka jiran jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Murni Bilxiginnaa uummata Oromoo ajjeesuu fi saamuuf yeroo karoorsu dursee maqaa soba fi daba ittiin ilmaan Oromoo ajjeesanii fi gidirsan uumuun egeree sabichaatti dhukkana uumaa kan jiran oggaa ta’u, akka waliigalaatti haalli naannichatti raawwachaa jirus yaaddessaa akka ta’es ibsameera.





