ONM-ABO Muddee 31, 2025
Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa magaalaa Adaadii keessatti Muddee 30, 2025 waraanni murna Bilxiginnaa uummata nagaan gabaa keessatti bittaa fi gurgurtaa geggeeffachaa turan irratti qawwee dhukaasuun uummata guutuu magaalicha keessaa bittimsuun qabeenya uummataa hedduu gabaa keessaa saamuun waajjira poolisii aanichaatti galfachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru.
Meeshaalee kanneen gaarii Fardaa uummanni baadiyyaalee garaagaraa irraa ittiin wantoota deddeebisan keessattuu kan ganda Gooroo Gabreelii irraa gara magaalaa dhaqaa fi galaaf uummatni itti fayyadamu kan baay’inaan 350 ol ta’u ugguramuun waajjira poolisii magaalichatti hidhamani jiru.
Kunis ta’uu kan danda’eef sababni tooftaa maallaqa gurguddaa ittiin gaafatanii argachuu danda’an baafachuu akka ta’ee fi akkuma aanichaatti tooftaa saamichaa haaraan hawaasa nagaan daldalatee jiraatu dararaa akka jiran jiraatan magaalichaa kan Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise ifoomseera.
Oduuma wal fakkaatuun godinichuma aanaa Tolee keessattis bifuma kana fakkaatuun gaariin Fardaa kan baay’inaan 200 ol ta’an magaalaa Habeebee fi Baantuu keessatti sababa gahaa tokko malee waranaa faashistii Bilxiginnaatiin ugguramanii jiraachuu jiraataan kun dabaluun ifoomseera.
Hanqinni baajata goolessitoota impaayerattii mudatee jiru hojii namni fayyaa hin qabne hojjetuu ol ta’uun bara bulchiinsa koloneel Abiy Ahimed keessatti jiruu fi jireenya uummataa gara yaaddootti jijjiiruun hawaasni galii xiqqaa duraan hojjetee argatu iyyuu dhabuun qoonqoo lubbuu maatii ofiitiifuu rakkoo guddaa keessa jiraachuun ni mul’ata.








