• Sun. Jul 26th, 2026

Maalii fi Burkinaa Faasoon uggura imala Tiraamp kaa’eef deebii kennuunn lammiilee Ameerikaa biyya isaanii irraa dhorkan

Jan 1, 2026

ONM-ABO Amajjii 1, 2026 

Prezidaant Doonaald Traamp biyyoota Afrikaa Dhihaa tarree uggura imala babal’ate keessatti erga hammachiisanii  torban muraasa booda, Maalii fi Burkinaa Faasoo lammiilee Ameerikaa irratti uggura viizaa wal-faana hojiirra oolchuuf karoorfachuu isaanii beeksisan.

Xalayaa adda addaa Kibxata galgala qooddateen biyyoonni lamaan tarkaanfiiwwan haaraan kun lammiilee Ameerikaa gara biyya isaaniitti imalan irratti seera lammiileen isaanii yeroo gara US imalan isaan mudatu hojiirra oolchuuf kan kaayyeffate ta’uu cimsanii dubbataniiru.

Ministeerri Dhimma Alaa fi Tumsa Idil-addunyaa Maalii lammiileen Ameerikaa gara biyyattii imalan “haala fi ulaagaalee aanga’oonni Ameerikaa lammiilee Maalii Ameerikaa seenan irratti fe’an” akka isaan mudatu ibseera.

Itti dabaluudhaanis jijjiiramni kun “dhimma wal-danda’uu fi battalumatti hojiirra ooluu danda’uun” ta’aa jira jedheera.

Burkinaa Faasoo “tarkaanfiiwwan viizaa walqixa ta’an lammiilee Yunaayitid Isteetis Ameerikaa irratti hojiirra oolchaa akka jirtu” ibsuun, “wal kabajuu, walqixxummaa abbaa biyyummaa Mootummootaa, fi hariiroo idil-addunyaa ishee keessatti qajeelfama wal-irratti wal-qabsiisuuf kutannoo qabaachuu ishee” cimsitee ibsiteetti.

Beeksisni kun kan ba’e erga Tiraamp Mudde 16 biyyoota lammiileen isaanii “guutumaan guututti” daangeffamanii fi US akka hin seenne daangeffamaniitti biyyoota dabalataa torba, akkasumas kanneen sanadoota Abbaa Taayitaa Falasxiin qaban dabaluu isaanii dubbatanii booda.

Biyyoota tarree kana irratti dabalaman keessaa Burkina Faasoo fi Maalii kan ta’an yoo ta’u, hundi isaanii biyyoota Arabaa ykn Afrikaati jechuun Al Jazeeraan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading