ONM-ABO Amajjii 1, 2026
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Noophaa ganda Caarfoo jedhamutti gaafa Muddee 29, 2025 loltoonni koloneel Abiyyi Ahimad kanneen olaantummaa sirna tokkoo tiksuuf ifaajanii fi naatoo ilma namaaf hin qabne haadha maqaan ishee Abbabuu Shifarraa jedhamutu kan abbaa warraa hin qabne qofaa ishee ilmaan torba giddistu qabeenya ishee jalaa ooffatanii akka deeman jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Haadha ilmaanii kana jalaas hoolota 5 fi re’oota 5 jalaa kan ooffatan oggaa ta’u, harmeen kun qofaa ishee daa’imman ishee guddisuuf kan ifaajju malee hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa qooda akka hin fudhannes jiraattonni dabaluun ifoomsaniiru.
Haaluma wal fakkaatuun gandichuma keessatti gaafa Muddee 24 dubartoota lama kanneen haadha ijoollee ta’anii fi shamarran lama maqaa WBO deggartu fi ni nyaachistu jedhuun haqa isaan qaban dhoksuun loltoonni garaaf jiraatan kan ajaja koloneel Abiy Ahimed milkeessuuf dhama’an of bira bulchanii yakka gudeeddaa irratti raawwachuun ibsameera.
Kana malees onicha keessatti dargaggoota hidhuu, dirqiin mooraa waraanaatti erguu fi dhiittaan mirgoota namoomaa garaagaraa raawwachaa akka jirus addeeffameera.


