ONM-ABO Amajjii 1, 2026
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo ganda Burqituu Oborraatti Muddee 30, 2025 waraanni murna Bilxiginnaa namoota nagaa hidhuu fi manneen uummata nagaa qabeenya guutuu waliin gubaa jiraachuu jiraattotni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka jiraattotni gandichaa gabaasanitti, namootni maqaan isaanii:
- Obbo Habtaamuu Taaddasaa kan jedhamu abbaa ilmaan lamaa kan ta’e hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jechuun yoo hidhan,
- Addee Gaaddisee Uumaa haadha ilmaan afurii kan taate abbaa warraa keetu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun mana jireenya isaanii qabeenya guutuu waliin gubanii barbadeessuu jiraattotni itti dabaluun dubbatu.
Murni Bilxiginnaa dhiiga qulqullootaa dhangalaasuu, uummata nagaa hidhuu fi qabeenya isaanii saamuu akkasumas barbadeessuu aadaa taasifachuun golee Oromiyaa cufa keessatti irra deddeebiin jibbinsa ilmaan Oromootiif qabu mul’isaa jiraachuun ni beekama.

