• Sun. Jul 26th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbeetti saamichi ulfaataan waraana gabroomfataa PP’n hawaasa nagaa irratti jabachuun ibsame

Jan 1, 2026

ONM-ABO Amajjii 1, 2026

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee gandoota kanneen akka Tulluu Shimaalaa fi Maqii keessatti waraanni faashistii PP hawaasa nagaa irratti maqaa garagaraa moggaasuun tarsiimoo uummata Oromoo dinagdeen dadhabsiisuun harka kennachiisuu jedhu milkeessuuf saamicha irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni bakkichaa himaniiru.

Akka jiraattotni bakkichaa nuuf ibsanitti ganda Tulluu Shimaala keessaa horii ganfaa, qarshii fi doqdoqqee hedduu akka saaman dubbatu.

Namoota qabeenyi isaanii jalaa saamame keessaa muraasni:

  1. ‎Muummee Haashim jalaa Loon 12,
  2. ‎Aliyyii Shantam jalaa Loon 5,
  3. ‎Haajii Sulee jalaa Doqdoqqee 1 fi
  4. ‎Bulaa nama jedhamu oggeessa fayyaa kan ta’e jalaa loon 13 fi qarshii callaa 300,000 harkaa fudhachuun isa immoo gara magaalaa Qeebbeetti geessuun mana hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu itti dabaluun addeessaniiru.

Oduma wal fakkaatuun aanichuma ganda Maqii keessattis dabaa fi shiraan qabeenya xiqqaa hawaasichi qabu harkaa saamuun jabaachuu jiraattonni ifoomsaniru. 

Maqaa namoota qabeenyi isaanii jalaa saamame keessaa muraasni:

  1. ‎Ibiraahim Ismaa’el jalaa loon 4
  2. ‎Aammee Abdukariim jalaa loon 10 fi 
  3. ‎Uudii Muusaa jalaa loon 5 jalaa ooffatanii deemuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Bara bulchiinsa murna Bilxiginnaa kana keessa uummatni Oromoo gochawwan farra namoomaa fi yakkoota waraanaa jechaan ibsuun namatti ulfaatuu fi seenaa keessatti mudatee hin beeknetu nurratti dalagamaa jira jechuun ibsaniiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading