ONM-ABO Amajjii 1, 2026
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Sadii ganda Baddeessoo Kashoo bakka addaa Waayyuu Gumaa jedhamutti dhalatee kan guddatee fi daa’imni umriin isaa ganna 13 Carraa Hundumaa Nagarii jedhamu yakka tokko malee waraanni faashistiin Bilxiginnaa abbaa isaa biraa qabuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Daa’imni kun kan qabame osoo abbaa isaa Obbo Hundumaa Nagarii waliin bakka hojii oolan irraa galaa jiruu Wiixata Muddee 29, 2025 waaree booda toora sa’aatii 10:00 irratti abbaa isaa biraa qabuun fuudhanii erga deemanii booda, of biratti dararaa bulchanii gaafa Kibxata Muddee 30 ganama barii sa’aatii 12:00 irratti naannoo jireenya hawaasaa irraa fageessuun ajjeesanii bakkeetti gatuun ibsameera.
Maatii fi jiraattotni naannoo isaa daa’ima xiqqaa kana irratti tuttuqaa siyaasaa fi gochawwan kan biroo yakkamaa isa taasisu arganiis ta’e dhaga’anii waan hin beekneef tarkaanfiin ajjechaa irratti raawwatamas jedhanii waan hin eegneef wayita ajjeefamuun daa’ima kanaa dhaga’ametti uummanni gandichaa mufannaa guddaa keessa seenaniiru.
Bifuma kanaan namni nagaan osoo hojii isaatii galuu badii malee yakkame ajjeefame kun tibba gurra hawaasaa bu’utti uummatni gandichaa bal’aan dammaqanii barbaacha taasisaniin bosonaa fi naannoo jireenya hawaasaa irraa fagoo ta’e keessaa reeffa mucaa ajjechaa suukanneessaan galaafatamee arguun galgaluma gaafa Muddee 30, 2025 sirna awwaalcha isaa geggeessaniiru.
Dhimma daa’ima kanaa ilaalchisee jiraattonni naannichaa ONM dubbise akka himanitti mucaan daa’ima ol adeemaan kun hamaa fi gaarii illee addaan baasee kan hin beekne ta’uu himuun, dirree siyaasaa fi yakka isa ajjeesisu qabaachuu baatus Oromummaan isaa qofti yoo yakkisiise malee badii raawwate kan hin qabne ta’uu dabalataan ifoomsaniiru.
Ergamtoonni Bilxiginnaa tarsiimoo jal’inaan dabalame abbaa isaanii koloneel Abiy Ahimed irraa fudhatanii bobbaafaman kanneen yoo barcumni aangoo impaayerattii jige jireenya dhuunfaa isaaniitiif sodaatan ol adeemtota ilmaan Oromoo hunda ija shakkii fi siyaasaatiin ilaaluun bakkuma argan maratti ajjeesanii soorata bineensaa taasisaa jiraachuun ni beekama.











