ONM-ABO Amajjii 13, 2026
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu magaalaa Kombolchaa keessatti waraanni murna PP namoota hedduu waliti qabuun ukkaamsanii hidhuun dararaa garaagaraa irratti raawwachuun maallaqaa gurguddaa gaafachaa jiraachuu jiraattotni himan.
Akka jiraattotni himanitti, namoota maqaan isaanii:
- Guutuu Abarraa,
- Daksiisaa Nuurgii,
- Lammii Gaddafaa,
- Dhaabaa Damboobaa,
- Badhaasaa Beenyaa fi
- Nagaroo Tamasgeen jedhamanii fi
kanneen biroo maqaa adda hin baane deggartoota WBOti jechuun waraana murna PPn kan ukkaamfaman yoo ta’u, mana hidhaa keessaa baafamuufis qarshii 50,000 hanga 150,000 gaafatamuu jiraattotni Arraata Biyyoolessaa Oromiyaaf gabaasanii jiru.
Aanaa Guduruu gandoota cufa keessatti ajjeechaa, hidhaa fi saamichi waraana murna PPn irra deddeebiin uummata nagaa irratti hammaachuun hawaasni aanichaa lubbuu fi qabeenya isaaf wabii dhabuun roorroo akkaan ulfaataa keessa jiraachuun ni beekama.

