ONM-ABO Amajjii 14, 2026 Godina Walloo aanaa Dawwee Harawaatti caasaaleen Bilxiginnaa gantoota qabsoo Bilisummaa Oromoo ganuun PP’tti harka laattatanii fi jaleewwan isaanii gurmeessuun hattoota ijaaranii guutummaa onichaa keessatti bobbaasanii kan jiran yoo ta’u, hattootni kunis Amajjii 9, 2026 halkan keessaa gara bariitti qe’ee hawaasaa ganda Uranee jedhamutti seenuun uummata irratti dhukaasa bananii hirriiba irraa dammaqsuun balbala namootaa cabsanii loon maatii qabsaa’otaa jaarsa biyyaa Obbo Yaasin Umaree jedhamuu kan lakkoofsaan 8 ol ta’an mooraa keessaa saamuun ooffatanii deemuun barameera.
Hattootni murna badii Bilxiginnaan ijaaramuun galgala galgala hawaasa nagaa irratti dhukaasa banuun jeequmsa uumaa jiranii fi qabeenya maatii qabsa’otaa mancaasaa, akkasumas loon jalaa ooffachaa jiran kunis kan maqaan isaanii nu ga’e lukkee sirnichaa kan ta’e:
- Huseen Barbaree,
- Huseen Adam Abdallaa,
- Huseen Ahimediyyoo,
- Bashiir Jaarraa fi
gantoota PP’tti harka laatan:
5. Falmaa fi
6. Galaanaa
kanneen jedhaman dabalatee kan maqaan ammaaf nun ga’in danuun jiraachuunis ifoomeera.
Gareen hattootaa caasaalee murna faashistii Abiy Ahimediin ijaaraman kan maqaan isaanii muraasni olitti eerame kun loon maanguddoo biyyaa Obbo Yaasin Umaree kana maqaa ilma keetu bosona jiraan erga saamanii deemanii booda, buufata isaanii ganda Dirree jedhamutti galfachuun kaanis irraa qalatanii nyaachaa jiraachuu fi loon isaan hafan ammoo Amajjii 13, gabaa Sanqallee Waataa buufannee gurguranna jechuun wal mari’achaa turuu isaanii odeessi moorichaa miliqee ONM dhaqqabe ni addeessa.
Shiftoonnii fi hattoonni murna gabroomfataa Bilxiginnaan ijaaramanii bobbaafaman kun aanichatti loon maatii qabsa’otaa saamuu fi hawaasa irriba irra jiru dhukaasa irratti bananii dammaqsuu fi naannoo jeequun isaanii haaraa ta’uu baatus, kan tibbanaa ammoo adduma, maatii qabsaa’otaa loon qaban loon isaanii saamanii deemu, kan loon hin qabne yoo argan ammoo namootuma ukkaamsu shakkii jedhuun yaaddoo qaban irraa ka’uun jiraattotni onichaa qe’eef qabeenyaa isaanii dhiisanii baqachaa jiraachuu itti dabaluun dubbataniiru.

