• Tue. Nov 24th, 2026

Baha Wallaggaa Aanaa Gobbuu Sayyoottii uummanni loltoota murna Bilxiginnaan hidhamuun dhaga’ame 

Jan 14, 2026

ONM-ABO Amajjii 14, 2026 

Godina Baha Wallaggaa aanaa Gobbuu Sayyoo ganda Gambeela Tarree keessatti waraanni faashistii PP fi kaabinoonni faashistii Bilxiginnaa maqaa sulula baasuu diddan rakkoo ilaalchaa qabdu jedhuun hawaasa nagaa qabuun hidhanii gidirsaa jiraachuun ibsameera.

Bifuma kanaanis namoonni hidhaman kanneen maqaan isaanii:

  1. Badhaasaa Mitikkuu,
  2. Eliyaas Mitikkuu,
  3. Fayisaa Dhugaasaa, 
  4. Abdii Alamuu,
  5. Mallasee Asaffaa fi 

namoota maqaan isaanii ammaaf adda hin baane hedduu akka ta’aan dabaluun ibsaniiru.

Namoonni kunneen gaafa Amajjii 8, 2026 qabamuun waajjira gandaa keessatti hidhamanii turuun gaafa Amajji 11, 2026 ammoo gara waajjira poolisii aanaatti dabarsanii jiraachuus kan himan, yeroo ammaa doorsisaa fi gidiraan jabaan irra gahaa jiraachuun addeeffameera.

Kana malees gochaan wal fakkaataan sabboontota ilmaan Oromoo quuqama sabaa qabanii fi miidhaa uummata irra ga’u morman dabalatee dhaloota ol-adeemoo danuu bulchiinsa magaalaa aanichaatti hidhuun qarshii guddaa gaafatanii baasuu, mooraa hidhaa irraa baasuun gara leenjii loltummaatti erguu fi gariin ammoo baasuun dhoksaan ajjeechaas irratti raawwachaa akka jiran jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply