• Thu. Nov 26th, 2026

Oromiyaatti labsiin haarawaan hojjettoonni mootummaa uffannaa milishootaa uffachuu qabu jedhu bakkeewwan tokko tokkotti hojiirra ooluuf deema jira jechuun jiraattonni yaaddoo qaban Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan

Jan 14, 2026

ONM-ABO Amajjii 14, 2026 

Murni Bilxiginnaa guutuu Oromiyaatti hojjettoonni mootummaa seekteroota cufa irra jiran uffannaa milishoota uffatanii bobba’uu qabu jechuun labsii haarawaa baasanii dhoksaan gadi diriirsaa jiraachuun ibsameera.

Bifuma kanaanis godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraatti hojjettoonni mootummaa walitti qabamuun akka of-qopheessaniif gaafa Amajjii 11, 2026 waltajjiin akka tures dubbatu.

Mootummaan faashistii Bilxiginnaa hojjettoonni mootummaa hundi — barsiisota, ogeessota fayyaa, hojjettoota waajjiraa fi kanneen biroo dabalatee — uffannaa milishoota uffachuu qabu jedhee labsuun kun akeeka uffannaa jijjiiruu osoo hin taane, hiika siyaasaa, hawaasummaa fi nageenyaa hamaa akka qabus hojjettoonni mootummaa hedduun komii agarsiisaa jiraachuun ibsameera.

Miidhaam nageenyaa fi lubbuu hojjettoota irra ga’un daran hammaatas kan jedhan hojjetaan mootummaa uffannaa milishaa uffachuun, namoota waraana keessatti hirmaatan fakkeessa kanaaf gochi kun gareewwan mormitootaa biratti akka diina waraanaatti ilaalamu danda’a jechuun sodaa isaanis dubbatu.

Gaheen barsiisaa barnoota kennuu, ogeessi fayyaa lubbuu baraaruu, hojjetaan tajaajila hawaasaa kennuu qaba malee gochi mootummaan faashistii PP gochaa jiru kun hundumaa balaa ajjeechaa, hidhaa fi doorsisaa keessa akka seenu taasisas kan jedhan, namoonni nageenya isaanii dhabanii hojii isaanii gad dhiisuuf dirqamus jechuun komii qaban ibsachaa jiru.

Bilxiginnaan tajaajila hawaasaa caccabsuun isaa kun barsiisaan, ogeessi fayyaa fi hojjettotni biroo of eeggannoo keessa seenuun mana barumsaa cufuu, hospitaalli fi buufanni fayyaa ni hanqatu, tajaajilli mootummaa uummataaf kennamu ni laaffata, uummanni miidhamuu jalqaba, mootummaa irraa daranuu amantii dhabas jechuun dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply