• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Noophaatti Waraanni faashistii PP dargaggoo tokko ajjeesuun dhagahame

Jan 16, 2026

ONM-ABO Amajjii 16, 2026 

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Noophaa ganda Cabal keessatti waraanni faashistii PP Amajjii 12, 2026 dargaggoo maqaan isaa Daawwit Taammiruu jedhamu badii tokko malee haala suukkaneessaa ta’een hawaasa gandichaa fuula duratti baasuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Dargaggoon waraana faashistii PPn ajjeefame kun badii dalage qabaateef osoo hin taane sababa Oromoo ta’eef qofa ati deggaraa WBOti jechuun maatii fi hawaasa gandichaa fuula duratti gara jabina ulfaataan rasaasaan ajjeesuun awwalcha dhorkatanii jiraachuu kan himan jiraattotni, taateen akkasii irra deddeebiin aanaalee godinichaa keessatti raawwatamaa jira jedhu.

Murni Bilxiginnaa tarsiimoo uummata nagaa irratti ajjechaa sukkanneessaa raawwachuu fi ukkamsaanii achi buutee dhabamsiisuu akkasumas saamichaa baafachuun golee Oromiyaa cufa keessatti uummata Oromoo jilbeenfachiisuuf dhamaa’an kan jiru yoo ta’u, faallaa isaa garuu uummanni murna badii fi goolessitu kana irratti dammaquun falmachaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading