ONM-ABO Amajjii 16, 2026
Hamaas to’annoo Gaazaa dhiisee aangoo hunda koree teeknokraasii ykn bulchiinsa waliigaltee Doonaald Traampiin qopha’een ijaarameef dabarsee kennuuf waliigaluu isaa gorsaan pirezidaantii Falasxiin Mahmuud Abbaas Kamisa kaleessaa Al Arabiyaatti himaniiru.
Hamaas Gaazaa keessatti “waan hunda” koree kanaaf dabarsee kennuu isaa beeksisee ture, karoora bara darbe pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampiin waliigalameen naannoo kana akka bulchan beeksiseera.
Ergamaan addaa Tiraamp Isteev Witkoof Roobii darbe Karoora Qabxiilee 20 qabu kan Waldhabdee Gaazaa Xumuruuf qophaa’e “Marsaan Lammmataa” eegaluu isaa beeksiseera.
“Har’a, maqaa Pirezidaantii Tiraamp, Karoora Pirezidaantichi Qabxiilee 20 qabu kan Waldhabdee Gaazaa Dhaabuuf qopheesse Marsaa Lammaffaa, dhukaasa dhaabuu irraa gara waraana irraa bilisa baasuu, bulchiinsa teeknokraasii fi deebi’anii ijaaruutti ce’uu isaa ifoomsina,” jechuun Witkoof barreeffama X irratti barreesseen dubbateera.
Qaamni Falasxiin miseensota 15 qabu Roobii darbe eegalame kun kan hoogganamu Abbaa Taayitaa Falasxiin kan biyyoota dhihaatiin deggaramu keessatti itti aanaa ministeeraa kan turan Alii Shaatiin yoo ta’u, naannoolee industirii misoomsuu irratti itti gaafatamaa akka turanis ibsi waloo jiddu-galeessitoonni Masrii, Kaataar fi Turkii baasan ni mul’isa.
Al-Habash waliigalteen kun hojiirra akka oolu, “akka Falasxiinonni lammata rakkoo keessoo isaan mudatee hin arganneef” abdiin qaba jedheera.
Akkasumas “koreen damee kana bulchu murtii isaa irratti abbaa biyyummaa kan qabuu fi Abbaa Taayitaa Falasxiin waliin qindoominaan kan hojjetu ta’uu” mirkaneessaniiru.
Buqqa’iinsa ittisuun hojiiwwan koree kanaaf dursa kennaniif keessaa tokko akka ta’u ibsuun, “dhimma siyaasaa keessa hin seenu” jechuun cimsanii dubbachuu AL Arabiyaan gabaaseera.



