ONM-ABO Amajjii 16, 2026
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii yeroo itti pirezidaantiin Yunaayitid Isteets Doonaald Tiraamp waraanaan biyyattii keessa akka seenan doorsisa jiraanitti walgahii hatattamaa taasisuun mormii lubbuu namaa galaafatu Iraan keessatti gaggeeffame irratti mari’ateera.
Miseensonni qaama dhiibbaa guddaa qaban kan miseensota 15 qabu kan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii itti aanaa bakka bu’aa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Iraan irraahaala deemaa jiru dhaga’aniiru. Bakka bu’aan Iraan kun walgahii Kamisa kaleessaa kana irratti Iraanoonni waldhabdee akka hin barbaanne garuu weerara Ameerikaaf deebii akka kennan akeekkachiisuun, Waashingitan “jeequmsa Iraan keessatti kallattiin geggeessuu keessatti hirmaachuu ishee” himateera.
Bakka bu’aan Ameerikaa Maayik Waaltiz dubbii qophaa’e walgahii kana irratti kenne fayyadamuun deebii mootummaan Iraan mormii kanaaf kenne qeequun, Iraan keessatti intarneetiin cufamuun isaa tarkaanfiin fudhatamaa jiru mirkaneessuun rakkisaa ta’uu hubachiisaniiru.
“Ummanni Iraan seenaa gara jabeessa Rippabiliika Islaamaa keessatti kanaan dura ta’ee hin beekne bilisummaa isaa gaafachaa jira,” kan jedhan Waltiz, Iraan mormii kanaaf “tarkaanfii waraanaaf dursa kennuudhaaf shira biyya alaati” jechuun ishee mootummaan ishee “ummata ofii sodaachuu isaa” kan agarsiisudha jedhan.
Waaltiz doorsisa gidduu seenummaa waraanaa Iraan keessatti Tiraamp torban darbe keessa irra deddeebi’anii dhiyeessan hin eerre.
Itti aanaan ergamaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Iraan Golamhossein Darzi biyyi isaanii “hammachuus ta’e waldhabdee hin barbaaddu” jechuun mana marichaaf himaniiru.
“Haa ta’u malee, gochi weeraraa kamiyyuu kallattiinis ta’e al-kallattiin, Chaartara UN keewwata 51 jalatti deebii murteessaa, madaalawaa fi seera qabeessa ta’een ni simatama,” jedhe Darziin jechuun Al Jazeeraan gabaaseera.

