• Fri. Mar 13th, 2026

Murni maafiyaa PP godina Baha Harargee Aanaa Malkaa Bal’oo keessatti maqaa kaffaltii garaa garaagaraatiin hawaasa harka qalleeyyii irratti saamicha geggeessaa jiraachuun himame

Jan 16, 2026

ONM-ABO Amajjii 16, 2026 

Godina Baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo araddaa Bookkoo jedhamu keessatti ergamtoonni maafiyaa PP maqaa kaffaltii gibiraa fi uffata miliishaaf jedhuun guutummaa jiraattota gandichaa irraa qarshii 9000 dirqamaan guuraa kan jiran yoo ta’u, namoota harka qalleeyyii maallaqa gaafataman kana kaffaluu hin dandeenye ammoo mana hidhaatti darbachaa jiraachuu maddeen ONM addeessaniiru.

Haaluma kanaanis gaafa Amajji 8, 2026 Namoota waan kaffalan dhabanii hidhaman keessaa kan maqaa isaanii arganne:

  1. Aadde Saadiyyaa Muusaa,
  2. Aadde Aniifaa Ahimadii fi
  3. Obbo Abdallaa Abdii 

jedhaman yoo ta’an kanneen maqaan isaanii adda hin baane hedduunis jiraachuu himuun gaafa Amajji 9, 2026 ammoo jiraattuu gandichaa dubartii ulfa guutuu taate nama maqaan ishee; Aadde Hamdiyaa Ibiraahim Umar jedhamtus sababa waan kaffaltu dhabdeef qabanii hidhuudhaan guyyaa lama booda mana hidhaa keessatti gargaarsa tokko malee kan deesse yoo ta’u, hojjettoonni kellaa fayyaa gandichaa gocha kana dhaga’uun wal falmii hedduun booda mana hidhaa keessaa akka baatu taasisuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Gara jabeeyyiin ergamtoota koloneel Abiy Ahimad gocha namni haadha qabu nama irratti raawwachuun ulfaatu hawwan Oromoo irratti naasuu tokko malee raawwachaa kan jiran yoo ta’u, golee Oromiyaa garaa garaa keessattis shamarran Oromoo irratti gudeeddaa wayita raawwatan irra deddeebiin mul’achaa tureera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading