ONM-ABO Amajjii 17, 2026
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raaree ganda Ifa Biyyaa keessatti murni Bilxiginnaa maatii qabsaa’ootaa fi sabboontota ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun, gaafa Amajjii 14, 2026 waraanni faashistii PP ilmaan keessantu bosona jira jechuun maatii qabsaa’otaa hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattotni himan.
Akka jiraattotni himanitti waraanni faashistii PP namoota maqaan isaanii:
- Obbo Mokonnon Kabbadaa,
- Aadde Caaltuu Kabbadaa,
- Addee Siifan Waggaarii,
- Lammii Waaqjiraa
jedhaman badii tokko malee ilma keessantu humna ittisaa WBOti jechuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Murni Bilxiginnaa golee Oromiyaa cufa keessatti maatii qabsaa’ootaa fi sabboontota ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun yakkee ajjeechaa fi sarbaminsaa mirgoota namoomaa irratti raawwachuun roorroo fi gidiraa daangaa hin qabneef saaxiluun jibbinsa sabboonummaa Oromootiif qabu ifatti mul’isaa jira.

