ONM-ABO Amajjii 17, 2026
Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee keessatti hidhattonni fi jala deemtonni Bilxiginnaa uummata nagaa irratti qawwee yoo dhukaasan, Baha Shaggar aanaa Boosatitti immoo uummata nagaa gandoota garaagaraa irraa jumlaan hidhuun qarshii 60,000 ol gaafachaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himan.
Haaluma kanaan gaafa Amajjii 16, 2026 gareen nagaan jiraachuu uummata Oromoo hin feene murni Bilxiginnaa godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Gololee fi Tamsa’aa keessatti hidhattoota isaa gara jabeeyyii fi sirna hin qabne bobbaasuun uummata nagaa midhaan facaafate galfachaa jiru irratti dhukaasa banuun uummata badii tokko hin qabne hunkuruun deggertoota WBOti ittiin jechuun shororkeessanii qe’ee fi hojii isaanii irraa ari’uun doorsisaa akka jiran jiraattonni ONMtti himaniiru.
Oduu biraatiin immoo godina Baha Shaggar aanaa Boosat gandoota garaagaraa kanneen akka Golboo Bitimittii bakka addaa Nyaarguuraa fi xaaxechaa, Araarsoo Beeroo, Gugsaa Qombee, Saaraaf Araddaa bakka addaa Osolee akkasumas ganda Qacaacullee Gujaa irraa uummata nagaa guyyaa dheengaddarraa eegalanii saamichaaf akka toluufitti deggertoota WBOti jedhanii maqaa itti moggaasuun namoota dhibbaan lakkaa’amanii hidhaman tokkoo tokkoo isaanii maallaqa humni isaanii hin dandeenye qarshii 60,000 gaafachuun akka kaffalan doorsisaa kan jiran yoo ta’u, kan maallaqa kana laachuu hin dandeenye immoo akka hidhamu taasisu jechuun keessa beektonni magaalaa Bofaa ONM’f ifoomsaniiru.


