• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gaawoo Qeebbeetti waraanni faashistii PP konkolaachisaa doqdoqqee tokko irraa qarshii 100,000 saamuun ibsame

Jan 17, 2026

ONM-ABO Amajjii 17, 2026 

Godina Qellem Wallaggaa Gaawoo Qeebbeetti dargaggeessi hojii konkolaachisummaa doqdoqqee oofuun of jiraachisu kan maqaan isaa Maaruuf Abdallaa jedhamu, daandii gubbaa deddeebi’ee osoo hojjachaa jiruu loltoota faashistii PP naannicha keessa socho’aniin akka saamame ibsaniiru.

Akka odeeffannoo jiraatota naannichaatti, taateen kun Amajjii 15, 2026 waaree booda kan raawwatame yoo ta’u, loltoonni raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa Maaruuf Abdallaa daandii irratti dhaabuun qarshii kuma dhibbaa tokko, humnaan isa irraa fudhatanii achii deemaniiru.

Dargaggoon kun hojii guyyaa guyyaatiin maatii isaa gargaaraa akka ture jiraattonni ni himuun, taateen akkanaa jireenya hawaasa dadhabaa irratti dhiibbaa guddaa akka qabus jiraattonni yaaddoo isaanii ibsaa jiru.

Haa ta’u malee, hanga ammaatti qaamoleen PP yookaan dhimmi nageenyaa nu ilaallata jedhan dhimma kana irratti furmaata tokko iyyuu kan hin laannee fi hawaasni aanaa Gaawoo Qeebbeetti qorannoon hatattamaan akka gaggeeffamuu fi haqni namicha miidhamee akka hin hafne gaafachaa jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading